• Tue. Jan 13th, 2026

Boordiin Sochii Ogeeyyii Fayyaa Itiyoophiyaa  baaseen, ibsa ministeerri Fayyaa Itiyoophiyaa baase gaaffii isaanii fudhachuu diduu filachuu fi ogeeyyii sirna kunuunsa fayyaa biyyattii utuban kabaja kan dhabsiiseedha” jedhe

May 17, 2025

ONM-ABO Caamsaa 17, 2025 

Boordiin Sochii Ogeeyyii Fayyaa Itiyoophiyaa Ministeera Fayyaa hordofee ibsa baaseen, ibsichi gaaffii isaanii gatii dhabsiisuu akka ta’e kaasuun deebii sirrii kennuuf tarkaanfiin hatattamaa akka fudhatamu gaafateera.

Boordichi ibsi ministeerichi baase ”ta’e jedhamee kan gaaffii jiraachuu fi jiraachuu dhabuu ogeeyyiin fayyaa kaasaa jiraniif furmaata kennuu diduu agarsiisuudha” jechuun balaalefateera.

Ibsichi dabaluudhaan guyyoota 30 darbaniif marii hiika qabeessa ta’e barbadaa turuu isaanii kaasuudhaan, Ministeerichi garuu ”gaaffii isaanii fudhachuu diduu filachuu fi ogeeyyii sirna kunuunsa fayyaa biyyattii utuban kabaja kan dhabsiiseedha” jedheera.

”Qajeelfamni isaanii ogeeyyiin gad of qabuun “osoo hojjettanii gaaffii haa gaafatan’ jechuun sammuu fi ogummaa keenya arrabsuudha” jedha ibsi boordichi baase.

Ministeerichi hospitaalonni “guutummaan guutuutti hojjechaa jiru” jechuun dhugaa jiru dogonggoraa jira jechuun, hospitaalota gurguddoo guutuu biyyattii irraa beeksisni uummataa kennamuun sababa komii isaanii furmaata hin arganneen jeequmsa tajaajilaa uumame mirkaneessa jedhe.

Ministeerichi yoo gaaffii isaaniitiif hatattamaan deebii hin kenniine ta’e Wiixata irraa kaasee gara lagannaa hojii tajaajiloota guutuutti akka darban akeekeera jechuun BBC’n gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading