• Sat. Mar 14th, 2026

Godina Kibba Lixa Shaggar Aanaa Sadeen Sooddootti waraanni koloneel Abiy Ahimed haleellaa wal irratti raawwachuun dhaga’ame 

May 17, 2025

ONM-ABO Caamsaa 17, 2025 

Waraanni impaayerattii maqaa hojii olaantummaa seeraa kabachiisuun naannoolee impaayerattii keessatti bobbaafamaa jiran gochootni isaan godhan torbanoota gabaabaa keessatti namoota hedduu baqaaf saaxiluu, kumaan kan lakkaa’aman lubbuu baasuu, qabeenya miliyoonotaan saamuu, manneen dhibbootaan gubuu fi kuma kurnootaan namoota hidhaa kan jiran oggaa ta’u, dhiibbaa isaan namoota nagaa irratti taasisanis fincilli gidduu isaaniitti akka ka’u gochuun haleellaa wal irratti raawwachuuf ulaa saaqaa jira.

Haaluma kanaanis Caamsaa 14, 2025 aanaa Sadeen sooddoo ganda Guraagoo Kallachaatti loltoonni sirnichaa dhibdee guddaan isaan gidduutti uumameen dhukaasa wal irratti bananiin wal irraa ajjeesuun gariinis madoon wal adabuu maddeen keessoo sirnichaa ONM’f eeraniiru.

Akka gabaasni nu qaqqabe ibsutti haleellaa kanaanis ajajaa 50 tokko dabalatee miseensonni 3 du’aan kan adabaman oggaa ta’u, miseensonni waraanaa 5 ammoo madoo ulfaataan irra ga’uun ifoomeera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading