• Mon. Jan 12th, 2026

Godina Walloo Aanaa Harxummaa Furseetti maanguddoon ilmaan keessan WBO’tti duuluu didan maqaa jedhuun humnoota waraana faashistii PP’n reebichi irratti raawwate lubbuun darbuu fi Aanaa Jiille Dhummuuggaattis dararaan jabaate

May 17, 2025

ONM-ABO Caamsaa 17, 2025 

Maanguddoon ganna 70 olii Obbo Abdusomad Habiibuu jedhamu jiraataa aanaa Harxummaa Fursee magaalaa Jimaatee akka ta’eetu himama.

Obbo Abdusomad seensa baatii Eblaa keessa hidhattootni sirnichaa magaalaa Jimaatee qe’ee isaa deemuun ilmaan kee nu waliin duula sakattaa WBO taassisuu didan maqaa jedhuun qabanii bulchiinsa magaalaa Qiciicootti geessuun reebicha ulfaataan hiraarsaa akka turan jiraattonni ONM’f eeraniiru.

Dabalataanis loltoonni kunneen gandoota baadiyyaa keessa maanguddoo kana fuudhanii deemaa kan turan oggaa ta’u, Obbo Abdusomad dhukkuba biraan saaxilamee kanaan dura yaalii baqaqsanii wallaanuun kan fayyee ture.  Miidhaa fi reebicha waraana kanneen deebi’ee bakki baqaqfamee ture akka hiikkates itti dabaluun dubbatu.

Akkuma dararaan itti hammaachaa deemeenis dhukkubni isaa itti cimaa deemuu hordofee harka waraana gara jabeeyyii kanneen keessaa erga bahee booda yaalamuuf magaalaa Kamiseetti geeffamus magaalaan Kamisee hin danda’u jechuun, gara hospitaala Xuqur-Ambassaatti kan dabarfaman oggaa ta’u, innis Xuqur-Ambassaa sanatti yeroo lamaaf yaalamee deebi’uun reebicha sana dandamachuu dadhabee Caamsaa 15, 2025 magaalaa Jimaateetti lubbuun isaa darbuun ibsameera.

Oduuma walfakkaatuun  aanaa Jiille Dhummuuggaa magaalaa Sambatee keessatti milishoonni sirnichaa Caamsaa 13, 2025 jiraataa aanichaa ganda Garbii-Mudhii Waaccuu kan ta’e nama maqaan isaa Umaree Alii jedhamu halkan sa’atii malee deemte ittiin jechuun reebicha ulfaataa qaama laalessu irratti kan raawwatan ta’uu fi yeroo ammaa reebicha irratti raawwatameen haalli fayyummaa isaa daran yaaddessaa ta’uu ONM’f eeraniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading