ONM-ABO Caamsaa 17, 2025
Murni PP Ilmaan Oromoo waldhaansoo qaala’iinsa jireenyaa mo’achuu fi dhiibbaa siyaasaan kutaalee impaayerattii cufa keessa faca’anii jiraatan, Oromummaa isaanii qofaaf maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun yakkanii akka bineensaatti adamsuun tarkaanfii hidhaa hanga ajjeechaatti irratti raawwataa jiru.
Haaluma kanaanis naannoo Beenishaangul Gumuz magaalaa Asoosaa keessatti loltoonni Bilxiginnaa saboota kan biroo irraa addatti uummata Oromoo irratti xiyyeeffachuun dararaa ulfaataa raawwatan ittuma fufuun, namoota maqaan isaanii:
- Naasiroo Shanoo,
- Shaanqoo Maammoo,
- Qajeelaa Tamasgeen,
- Abeel Qajeelaa,
- Amsaaluu Jiraataa,
- Hawwii,
- Gaaromaa,
- Shimallisii fi
kanneen biroo hedduu ta’an torban tokko dura lukkeelee PP’n qabamanii ukkaamfamuun mana hiraarsaa mooraa waraanaa keessatti dararamaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

