ONM-ABO Caamsaa 18, 2025
Kaabinoonni fi waraanni koloneel Abiy Ahimed kanneen akeekaa fi kaayyoo badiisaan cubamanii ba’an, yeroo garaa garaatti dantaa dhuunfaa isaaniif jecha hawaasa nagaa dararuu irra darbanii walii isaaniif illee nagaa dhabuun irra deddeebiidhaan wal dhibdeen gidduu isaaniitti mul’achaa oola.
Haaluma kanaan, Caamsaa 15, 2025 halkan keessaa toora sa’a 2:30’tti Baha Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Naqamtee ganda 05 keessatti poolisiin Bilxiginnaa tokko miliishaa sirnichaa tokko kan maqaan isaa Addunyaa jedhamu dhukaasa itti banee ajjeesuun meeshaa waraanaa isaas irraa hiikkatee baduu maddeen amanamoon keessoo Bilxiginnaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka maddeen himanitti, ergamtoonni sirnichaa kunneen dhugaatii alkoolii dhuganii machaa’uun ajjeechaa wal irratti raawwachuun duras doorsisa adda addaa uummata irratti rawwachaa turuus kan himan yoo ta’u, poolisiin ajjeechaa kana raawwates hanga guyyaa gabaasni kun qindaa’eetti barbaadamee kan hin argamne ta’uu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Magaalaa Naqamtee ganda 02 keessatti Roobii darbe milishaa Abiy irraa qawween baarraqee dubartii tokko rukutee turuus isinii gabaasuun keenya ni yaadatama.

