• Thu. Mar 19th, 2026

Lixa Shaggar Aanaa Dandiitti hanqina bishaan dhugaatiin uummanni rakkachuu erga jalqabee torban guutuun dhaga’ame

May 18, 2025

ONM-ABO Caamsaa 18, 2025 

Uummanni Oromoo hanqina bishaan dhugaatiis ta’e tajaajiloota ibsaa fi kanneen biroo isaan mudatuuf qaamni hatattamaan furmaata waaraa isaaniif fidu kan hin jirre oggaa ta’u, sababoota hanqina kanneeniif namoonni rakkoolee adda addaaf saaxilamaa akka jiranis dubbatu.

Bifuma kanaanis Lixa Shaggar aanaa Dandii magaalaa Gaalessaa keessaa tajaajilli bishaan dhugaatii uummata irraa erga citee torban lakkoofsisaa kan jiru ta’us, furmaanni karaalee qaamolee sirnichaa kennamuuf yaaliin taasifamaafii akka hin jirres dabaluun himaniiru.

Hojiileen ijaarsa adda addaas hanqina bishaaniin wal-qabatee dhaabbatee kan jiru yoo ta’u, dhiibbaa bishaan dhibuun kun geessisaa jiruun maatiin daa’imman harkatti dhukkubuu fi kanneen harka qalleeyyiin bishaan bitachuu hin dandeenyes bishaan faalamaa dhuguu irraan kan ka’e rakkoof saaxilamaa akka jiranis beekameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading