ONM-ABO Caamsaa 19, 2025
Arsii Bahaa aanaa Suudee gandoota adda addaatti murni Bilxiginnaa Caamsaa 16, 2025 poolisoota sirnichaa baay’inaan qubachiisuun tokkoon tokkoon jiraattotaa irraas deggersa poolisoota kanneenii jechuun qarshii 300 dirqamaan guuraa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Kana malees gandoota onichaa kanneen keessatti deggersa raayyaa ittisa impaayerattiif jechuun irra deebiidhaan qarshii 600 funaanaa kan jiran ta’uu itti dabaluun eeranii jiru.
Akka maddeen himanitti, saamichi ulfaataan kun irra deddeebiidhaan jiraattota aanichaa cufa irratti raawwatamaa jiraachuu irraan kan ka’e, yeroo ammaa kana hawaasni harka qalleeyyiin gara itti deebi’an dhabanii dararaa hamaa keessa jiraachuu dubbatu.

