ONM-ABO Caamsaa 19, 2025
Saayinsii fi naamusa waraanummaan ala waraanni sirna dhableessi impaayera Itiyoophiyaa, goleewwan Oromiyaa cufa keessatti bobbafaman gochaawwan suukkanneessaa hawwanii fi shamarran Oromoo irratti raawwachuu cimsanii itti fufanii jiru.
Haaluma kanaanis Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaa ganda Jireenyaa keessaa Caamsaa 14, 2025 loltoonni PP shamarran ol adeemoo lama kanneen maqaan isaanii:
- Leensaa Taammiruu Jaal’ataa fi
- Iftuu Tasfaa Guyyaasaa
jedhaman mana maatii isaaniitii badii tokko malee ukkaamsuun naannoo laga Abbaa Horii jedhamuun beekamutti geessuun baay’atanii itti wal jijjiiruun haala nama gaddisiisuun gudeedanii deemuu jiraataan gandichaa dubbisne tokko ONM’tti himee jira.
Akka jiraataan dubbifne kun himetti, shamarran kunneen gudeeddaa irratti raawwatame kanaan miidhaa ulfaataa irra ga’een bosona keessatti of dadhabuun kufanii kan turan yoo ta’u, birmannaa hawaasni naannoo taasisaniifiin bakka sanaa kaafamuun yaala fayyaaf hospitaala magaalaa Naqamtee geeffamuun yeroo ammaa kanas haalli fayyummaa isaanii sadarkaa yaaddessaa irra jiraachuu ONM’f eeree jira.

