• Sat. Mar 14th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaalee adda addaatti finxaaleeyyiin Amaaraa qonnaan bultoota Oromoo ajjeesuu fi horii uummataa ooffachuun dhaga’ame 

May 19, 2025

ONM-ABO Caamsaa 19, 2025 

Aanaa Kiiramuu ganda Waastii jedhamutti finxaaleeyyiin Amaaraa Faannoo jechuun of waaman guyyaa guyyaatti dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasuu jabeessanii itti fufuun Caamsaa 17, 2025 qonnaan bulaa Oromoo maqaan isaa Obbo Barrihuun Mokonnon jedhamu haala suukkaneessaa ta’een ajjeesanii gatuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himanii jiru.

Obbo Barrihuuniin rasaasaan dhahanii erga ajjeesanii booda, loon 30 jalaa ooffatanii deemuu fi gandicha guutummaa keessatti hawaasni “har’a moo bor qe’ee keenya irraa buqqaana” jedhee yaaddoo hamaa keessa kan jiru ta’uun dabalataan ibsamee jira. 

Kana malees aanaa Giddaa Ayyaanaa ganda Warabboo jedhamu irraa finxaaleeyyiin Amaaraa Caamsaa 17, 2025 qonnaan bulaa maqaan isaa: 

  1. Obbo Baqqalee jedhamuu fi 
  2. haadha warraa isaa erga ajjeesanii booda qabeenyaa isaanii hunda saamanii deemuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Finxaaleeyyiin kunneen dukkana da’eeffachuun ilmaan Oromoo irratti duguuggaa sanyii raawwachuu jabeessanii kan jiran yoo ta’u, ganduma sana irraa halkanuma sana qonnaan bulaa Oromoo maqaan isaa Obbo Gurmuu jedhamu mana isaatii gadi baasuun gara jabinaan erga ajjeesanii booda, qabeenya mana isaa keessatti argamu hunda saamanii deemuun dabalataan ibsameera. 

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading