• Tue. Jan 13th, 2026

Gamtaan Awurooppaa yoo dhukaasa dhaabuu irra hin ga’amne Raashiyaa irratti US irraa tarkaanfii cimaa barbaada jette qondaalli Gamtichaa 

May 21, 2025

ONM-ABO Caamsaa 21, 2025 

Hooggantuun imaammata alaa Gamtaa Awurooppaa Kaja Kalas Kibxata kaleessaa Ameerikaan yoo Raashiyaan Yukireen keessatti dhukaasa dhaabuuf walii hin galle  “tarkaanfii cimaa” Raashiyaa irratti akka fudhattu gaafataniiru.

“Ameerikaan akka jettetti, Raashiyaan dhukaasa dhaabuu haalduree hin qabne irratti yoo walii hin galle, tarkaanfiin jiraachuuf deema. Kanaafuu bu’aa sana arguu barbaanna, gama US irraas,” jedhan Kalas walgahii ministeerota Gamtaa Awurooppaa Biraasels keessatti taasisan irratti.

Hoggantoonni Awurooppaa prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin waliin bilbilaan erga haasaa taasisanii booda ibsa kennaniin, karaa qoqqobbii dhiibbaa uumuuf waliigalaniiru jedhan Chaansilarri Jarman Firedirik Merz.

“Awurooppaa fi Ameerikaan kana irratti baay’ee tokko ta’aniiru: Yukireeniif daandii gara dhukaasa dhaabuutti geessu irratti itti dhiyeenyaan ni deggerra,” jechuun Merz fuula X irratti barreessaniiru.

Keev fi michoonni ishee Awurooppaa Yukireen keessatti dhukaasa dhaabuu haalduree hin qabneef Moskoo dhiibaa turaniiru jechuun AFP’n gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading