ONM-ABO Caamsaa 21, 2025
Aanaa Shanan Dhuuggoo araddaa Barakaatti jaleewwan bu’aa dhuunfaa isaanii qofaaf oliif gadi ifaajaa oolan, waan ittiin hawaasa saamanii jiraatan kalaquu fi ergama qaama isaanii olii galmaan ga’uuf maqaa adda addaan hawaasa saamanii dararaa turan, ammallee ittuma fufuun maqaa “buusaa gonofaa” jedhuun qarshii 500 tokkoon tokkoon uummataa irraa saamaa jiraachuu jiraattonni araddichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Kaffaltii kana malees, bu’aa dhuunfaa olaanaaf akka saamichaaf isaaniif tolutti haalduree tolfatanii saamicha hamaa irratti bobba’uun lukkeeleen Bilxiginnaa maqaa adda addaan qarshii hanga fedhan hawaasa irraa guuraa jiraachuu jiraattonni araddichaa eeranii jiru.
Nama gatii isaan jedhan kaffaluu didee fi maaliif akka kaffalu adda baafachuuf gaafatu “ergama qaama biraa qabda” jechuun hidhaa fi reebichaan hiraarsuun yoo kaffalan malee xaa’oo gatiin isaa qaala’e illee akka hin fudhanneef dhorkaa jiraachuu itti dabaluun ibsanii jiru.

