• Sun. Mar 15th, 2026

Baha Shaggar Aanaa Dugdaatti saamichi ergamtoota maafiyaa PP’n jabaachuun dhaga’ame 

May 22, 2025

ONM-ABO Caamsaa 22, 2025 

Jiraattonni godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa wabii midhaan nyaataa ittiin jiraatan mirkaneessuu fi jireenya isaanii fooyyessuuf oomishaalee midhaan adda addaa oomishuun kan jiraatan ta’us, dhiibbaa murni faashistii PP isaan irratti raawwachaa jiruun danqama fi xaxaa siyaasaa keessatti qonna dhaabanii dararamaa akka jiran dubbatu.

Keessattuu bara oomistummaa 2025 keessa jiraattonni oomisha midhaan Boqqolloo akka hin oomishne humnoota waraanaa faashistii PP’n dhorkamuu gabaasa kan turre oggaa ta’u, tibbana ammoo bifa haarawaan qarshii uummanni oomisha midhaaniif walitti qabate jaleewwan Bilxiginnaa jalaa akka saamanis himan.

Jiraattonni saamichi irratti raawwate kunis ganda Waldaa Maqdallaa keessa kan jiraatan oggaa ta’u, maallaqa kuma dhibba afur walitti qabachuun oomishaaf oolfachuuf konkolaataa biyyee baasu waammannaan gareen badii PP karaa keenyaan konkolaataa isiniif mijeessina jechuun qarshii harkaa fuudhanii isin deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti jechuun akka dhorkatanis itti dabaluun himaniiru.

Irra caalaatti kaayyoon maallaqni sun walitti qabamaa tureef aanaa Dugdaatti waqxii gannaa sababa roobaaf bishaanni oomisha midhaanii kan liqimsu yoo ta’u, kuduraa fi muduraaleen adda addaas uummata jalaa baduu hordofee uummanni oomisha isaanii ittiin kunuunsifachuufis akka walitti qabatan dubbatu.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading