• Wed. Jan 14th, 2026

Haleellaa dirooniin buufata xiyyaaraa Moskootti balaliin har’a ganama dhaabbate

May 22, 2025

ONM-ABO Caamsaa 22, 2025 

Magaalaan guddoon Raashiyaa haleellaa diroonii cimaa jala waan turteef naannoo Moskootti sochiin qilleensaa jeeqameera jedhan kantiibaa magaalattii fi Abbaan Taayitaa Siiviil Aviyeeshinii biyyattii.

Raashiyaan halkan walakkaa (21:00 GMT) irraa kaasee diroonii 23 gara Moskootti balali’an addaan kutte jechuun kantiibaan magaalaa Sergee Sobyanin barreeffamoota telegiraamii irratti maxxanfamaniin barreesse. ”Ogeeyyiin tajaajila balaa tasaa bakka caccabni diroonii kufeetti hojjechaa jiru,” jedhan.

Haleellaan kun kan raawwatame erga diroonii 27 gara magaalattiitti jalqabame guyyaa tokko booda. Raashiyaan dhuma torban darbee Yukireen irratti diroonii rikardii ta’e bobbaafteetti jette Keev.

Biyyoonni lamaan erga Raashiyaan waggoota sadiin dura Yukireen irratti weerara guutuu jalqabdee booda, guyyaa guyyaatti dhihaatutti diroonii wal-irratti jalqabsiisaniiru.

Kamisa har’aa buufata xiyyaaraa Moskoo hedduutti balaliin akka dhaabbatu abbaan taayitaa aviyeeshinii Raashiyaa Roozaaviyaatisiyaan himaniiru. Xiyyaaronni buufata xiyyaaraa Sheremetyevo, Vinukovo, Domodedovo, fi Zukovskitti sochii dhaabuu ibsi telegram irratti maxxanfame ni mul’isa.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading