ONM-ABO Caamsaa 22, 2025
Waraanni garboomfataan PP Caamsaa 20, 2025 aanaa Qilxuu Kaarraa irraa barii barraaqaan gara ganda Baabboo Buundii jedhamutti maqaa sakattaa WBO’n bobba’uun saamicha qabeenyaa raawwachuun, manneen gubuu fi miidhaa adda addaa qaqqabsiisuun dhaga’ame.
Haaluma kanaanis waraanni kunneen manneen lama kan namoota maqaan isaanii:
- Abbaa Gadaa Kaffaalee Malakuu Mulgeetaa fi
- Obbo Addunyaa Alammaayyoo qabeenya guutuu waliin kan guban oggaa ta’u,
Obbo Addunyaa mana isaa gubuun haadha warraa isaa kan maqaan ishee Mandooshee Goobanaa jedhamtu irrattis reebicha ulfaataa raawwachuun sangaa tokkos akka jalaa ooffatan ibsameera.
Guyyaadhuma kana nama maqaan isaa Obbo Mangistuu Mokonnon jedhamu jalaa dukkaana cabsuun meeshaalee maallaqa hedduun bitaman guutummaatti saamanii kan deeman oggaa ta’u, kana malee namoota maqaan isaanii:
- Aaddee Maartaa Nagaroo,
- Aadde Dasii Dabalaa fi
- Obbo Asfawuu Olaanaa
kan jedhaman ammoo ukkaamsuun hanga gabaasni kun qindaa’etti eessa akka geessan hin beekamin jiru jechuun jiraattonni himan.
Oduu biraatiin ammoo namoota baay’inaan 8 ta’an irratti reebicha ulfaataa akka geggeessan jiraattotni himaniiru. Namoonni reebaman kunneenis maqaan isaanii:
- Obbo Mikaa’el Alammaayyoo,
- Shamarree Kumee Mangistuu,
- Barataa Abdii Asfawuu,
- Aaddee Gaaddisee Galataa fi
- Obbo Lalisaa Buloo
kanneen jedhaman dabalatee kanneen hafan biroon miidhaa guddaa keessa jiraachuus jiraattonni yaada isaanii ONM’f qoodan ibsaniiru.




