ONM-ABO Caamsaa 23, 2025
Erga aangoo impaayerattii qabatee jiruu fi jireenya uummataa jeeqaa kan jiru murni Bilxiginnaa, gaddaa fi gadadoo qe’ee uummataatti uwwisuu itti fufuun aanaa Mana Sibuu gandoota akka Dargee Toobbaraa fi Baabboo Toobbaraa keessaa Caamsaa 22, 2025 maqaa WBO waliin hariiroo qabdu jedhuun uummata nagaa hidhaatti guuruu jiraattonni ONM’f eeraniiru.
Ganda Dargee Toobbaraa keessaa namoota maqaan isaanii:
- Obbo Ahimed Mohaammad Maanguddoo ganna 60,
- Qaasim Ayyaanaa,
- Abshiruu Baay’isaa,
- Shaadoo Adam,
- Aliyyii Jamaal,
- Mujaahid Jamaalii fi
- Isiyaaq Daawud kanneen jedhaman oggaa hidhan onichuma ganda
Baabboo Toobbaraa keessaa ammoo nama maqaan isaa:
- Nasirallaa Raggaasaa jedhamu badii tokko malee mana hiraarsaa galchuun gidirsaa jiraachuu maddeen ONM’f eeran.
Shororkeessitoonni impaayera Itiyoophiyaa nyaatanii buluu qofaaf mirga saba Oromoo sarbaa jiran yeroo addaa addaatti hidhaa, ajjeechaa suukkanneessaa, saamicha, gudeeddii fi manaaf qabeenya uummata nagaa gubanii barbadeessuun duguuggaa sanyii geggeessaa jiraachuun kan beekamuudha.

