• Wed. Nov 25th, 2026

Murni Bilxiginnaa guutuu Oromiyaa keessatti maatii sabboontota ilmaan Oromoo biyyoota alaa jiranii jumlaan hidhaa jiraachuun ifoome

May 23, 2025

ONM-ABO Caamsaa 23, 2025 

Bulchiinsi abbaa irree Bilxiginnaa sirna mootummoota gabroomfatoo darbanii dhaaluun mirga ilmaan Oromoo sarbee afaan qawween bulchuuf ifaaju, kan akkan jedhetti malee akka seeraatti hin bultu jechuun mirga lubbuun jiraachuu lammiilee nagaa sarbaa oolu Bilxiginnaan, ilmaan Oromoo sirnicha baqatanii biyyoota hambaa adda addaa keessa jiraachaa jiran kanneen sagalee sabaa ta’anii miidiyaa gubbaan dubbatan cufa maatii isaanii impaayerattii keessaa hidhuun doorsisa adda addaa irratti raawwachaa jira.

Koloneel Abiy Ahimed bulchiinsa uummataaf ta’u hundeessuu irra humnaa fi irree isaan bulchuuf, gochoota duguuggaa sanyii hidhaa, ajjeechaa, saamichaa fi dararaa inni ilmaan Oromoo irratti taassisaa jiru egeree uummataatti yaaddoo guddaa ta’uun, sababa obbolootaa fi ilmaaniif maatii dararuu irratti fuulleffatee jira.

Kana malees gochoonni maatii qabsaa’otaa irratti tibbana adeemaa jiru manneen irratti gubuu, horii jalaa ooffachuu, qe’ee isaanii gadhiisanii akka deemaniif dirqisiisuu fi gochoonni ajjeechaas haalaan mul’achaa akka jiru gabaasni guyyaa guyyaan ONM qaqqabaa jiru ni mul’isa.

Leave a Reply