• Wed. Nov 25th, 2026

Dargaggeessi Oromoo tokko Naannoo Harar Aanaa Soofii keessatti hidhattoota naannichaan ajjeefamee gatamuun dhaga’ame

May 23, 2025

ONM-ABO Caamsaa 23, 2025 

Impaayera Itiyoophiyaa foonii fi dhiiga lammiilee nagaa soorachaa ooltu keessatti mirga lubbuun jiraachuu haalamee biyya isaa Oromiyaa fi naannoo ollaa isaa keessatti guyyuu lubbuun ilmaan isaa akka baala mukaatti harca’aa kan oolu uummanni Oromoo yeroo addaa addaatti goolessitoota impaayerattiin gadda simachaa kan oolu oggaa ta’u, torbee dhuma kana keessa dargaggeessi Oromoo tokko kan maqaan isaa Abdurramaan Uwwis jedhamu naannoo Harar aanaa Soofii ganda Harawwee keessatti humnoota poolisii naannichaan ajjeefamuu maddeen ONM’tti himanii jiru.

Dargaggeessi kun magaalaa Harar keessa kan jiraataa ture oggaa ta’u, baatii muraasa dura waa’ee balfa warshaan Biiraa Harar bakka jireenya isaanii faaluun dhukkuboota irraan ga’aa jiruuf uummata bakka sana jiraataniif sagalee ta’ee akka ture kan gabaasan maddeen, sababa kanaaf mana jireenya isaatii humnoota Poolisii naannoo Harariin halkan qabamuun gara laafina tokko malee fannifamee ajjeefamuu namootni itti dhiheenyaan beekan ONM’f ifoomsanii jiru.

Bara bulchiinsa Abiy Ahimed keessa nagaan ba’ee hojjetatee galuu mitii, nagaanuu mana isaa keessa jiraachuu kan hin dandeenye sabni Oromoo, gochootni namoota uummata dura bu’anii gaaffii gaafatan dhabsiisuu tooftaa waraanaa ta’uun waraanni fi lukkeeleen PP bakka hundatti itti fayyadamamaa jiru.

Leave a Reply