• Wed. Nov 25th, 2026

Kaaba Shaggar bulchiinsa magaalaa Salaaleetti barsiisaan tokko waraana faashistii PP’n hidhame

May 23, 2025

ONM-ABO Caamsaa 23, 2025 

Ilmaan Oromoo dararuu kararoora bulchiinsa  isaa godhatee guyyaa dhufee darbuun namoota nagaa mankaraarsaa kan oolu sirni balfamaan PP Kaaba Shaggar keessatti barsiisaa Daraaraa Raggaasaa jedhamu sababa inni “mirgi barsiisotaa haa kabajamu” jedheef osoo inni waajjira barnootaa godinichaatti waltajjii irra jiruu Caamsaa 16, 2025 qabanii waajjira godinichaa keessatti hidhuun gaaffii tokko malee gidirsaa jiraachuu maddeen gabaasan.

Namoota isaan morman ukkaamsee dhabamsiisuu kan adeeffate koloneel Abiy Ahimed afaaniin akka mootummaa uummataatti of dhaadaa afaan qawween ammoo namoota gaaffii mirga gaafatan cafaqee hidhuu, ajjeesuu fi biyya irraa godaansisuun amala isaa ta’uun ni beekama. 

Lubbuun jiraachuun ilmaan Oromoo kan isa gubu murni nama nyaataan kun goleelee Oromiyaa cufa keessatti jaleewwan isaa bobbaasuun guyyaa dhufee darbuun qorqalbii uummataa cabsuuf tarkaanfiiwwan sodaachisaa garaa garaa filannoo taasifatee raawwachuun goolama uumaa jira.

Leave a Reply