• Tue. Nov 24th, 2026

UN akka jedhutti bara 2024’tti namoonni nagaa 36,000 ol walitti bu’iinsa keessatti ajjeefaman jedhe

May 23, 2025

ONM-ABO Caamsaa 23, 2025 

Hoogganaan gargaarsaa UN Kamisa kaleessaa waldhabdee addunyaa irratti miidhaa siiviilii ol ka’aa dhufeen akeekkachiisa kaasuun, bara 2024tti naannoo waraanaa 14 keessatti lammiileen nagaa 36,000 ol akka ajjeefaman ifa godheera.

Tom Fileecher walgahii Mana Maree Nageenyaa Eegumsa namoota nagaa waldhabdee hidhannoo keessatti taasifamu irratti taasifame irratti, ”lakkoofsi dhugaan baay’ee ol ta’uu hin oolu,” jedhan.

Haala addunyaa balaa qabu akka jiru akeekkachiisaniiru. “Eegumsa namoota nagaa fi kabaja seera namoomaa idil-addunyaa irraa hiikamuu argaa jirra,” jedhan.

Fileecher akka jedhanitti, lakkoofsi namoota humnaan buqqa’anii ol’aanaa haaraan miliyoona 122 ol kan ga’e yoo ta’u, irra caalaan isaanii biyyoota isaanii keessatti buqqa’aniiru.

“Gabaasa dirqisiifamaniibaduu, dararaa, wal’aansa namummaa hin qabnee fi miidhaan qaamaa biroo bal’inaan mul’ateera,” jechuun hubachiisaniiru.

”Jeequmsi saalaa babal’atee ture,” jedhan Fileechar. “Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii bara darbe namoota gara 4,500 ta’an mirkaneesse, miidhamtoota keessaa %93 dubartootaa fi shamarran turan.”

Itti dabaluudhaanis beelli walitti bu’iinsaan geggeeffamu ”sadarkaa balaa guddaa” irra gaheera, “2024 akkasumas bara du’aa namoota gargaarsa namoomaa irratti galmaa’e” ta’uu ibsuun, hojjettoonni gargaarsaa 360 ol yoo xiqqaate 200 Gaazaa fi 54 Sudaan keessatti dabalatee ajjeefamaniiru jedhan jechuun Anaadooluun gabaaseera.

Leave a Reply