• Tue. Nov 24th, 2026

Baha Wallaggaa Aanaa Diggaatti hidhamtoonni siyaasaa hidhaa irraa baafamuuf qarshii gaafatamaa jiraachuun dhaga’ame 

May 29, 2025

ONM-ABO Caamsaa 29, 2025 

Impaayerattii keessatti hidhamtoota siyaasaa mana murtiitti osoo hin dhiyeessin waggoottaniif hidhanii hiraarsuun barsiifata ta’ee kan jiru yoo ta’u, gariin ammoo kanneen mana murtiitti dhiyeessanii manni murtii bilisaan akka hiikamaniif murtee kennu dhiibbaa qaamolee nageenya kabachiisu jedhanii bobbaasaniin manneen hidhaa keessatti ittifamuun, dhukkubsatanii yaalii dhabuu irraan kan ka’e lubbuun achi keessatti darbuu fi gariin ammoo maallaqa gaafatamuun wanta kaffalan dhabanii gidirfamaa jiru.

Haaluma kanaanis Baha Wallaggaa aanaa Diggaatti dargaggoon maqaan isaa Gammachuu Guddinaa jedhamu goolessitoota waraana faashistii PP’n baatii tokko dura qabamee hidhamuun hanga ammaa dararamaa jira.

Dargaggoon kun maqaa loojistikii waraana bilisummaa Oromooti jedhuun hidhamuu itti dabaluun kan himan maddeen, mooraa inni keessatti hidhamee jiru keessaa hidhamaan siyaasaa kan biraan tokko mooricha cabsee waan ba’eef as deebi’anii dargaggoo Gammachuu irratti reebicha raawwataniin yaaala fayyaa tokko osoo hin argatin akka jirus ibsameera.

Akka maddeen keessoo sirnichaa dhimmicha itti siqeenyaan beekan himanitti hanga qarshii 20,000 kaffaltutti hin baatu jedhanii dhukkubsataa kana dararaa akka jiranis itti dabaluun ifoomsaniiru.

Leave a Reply