• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Baalee Bahaa Aanaa Gindhir’tti hiriira balaaleffannaa uummanni murna Bilxiginnaa irratti torbee darbe bahe hordofee namoonni danuun humnoota waraanaa faashistii PP’n hidhamaa jiraachuun ibsame

May 29, 2025

ONM-ABO Caamsaa 29, 2025 

Ajjeechaa, reebicha, dararaa, hidhaa, dirqiin mooraa waraanaatti ergamuu, tajaajiloota adda addaa kanneen akka ibsaa, bishaan, daandii fi kanneen biroon dhibuu hordofee uummanni godina Baalee Bahaa aanaa Gindhir ganda Ilaanii Dooyyoo torbee darbe keessa hiriira mormii balaaleffannaa sirna Bilxiginnaaf qaban ba’anii sagalee dhageessifatanii kan turan yoo ta’u, Caamsaa 27, 2025 ammoo namoota hirmaannaa hiriira sanaa keessaa qabu jedhanii shakkan hedduu qabanii hidhaatti darbachuun gidirsaa jiraachuun barame.

Namoonni qabamuun hidhaman muraasni maqaan nu qaqqabe:

  1. Kamaal Huseen Galchuu,
  2. Maamilee Adam Jiloo,
  3. Mohammed Ibroo,
  4. Kamaal Tarishee Maammee,
  5. Ahimad Mohaammad Huseen,
  6. Mohammed Umaroo,
  7. Abunaa Umar Tashee fi 

kanneen biroo, hedduu akka ta’an jiraatttonni addeessaniiru.

Kana malees gandoota aanichaa baay’inaan 54 ol ta’u guutummaa keessatti maqaa waajjira gandaa ijaarra jedhuun nama tokko irraa qarshii 4,000-7000 harkaa saamuun, ijaarsa eegalanii qarshiin isin kaffaltan dhumeera jechuun dabalataan ammoo qarshii 3000 ol akka itti dabalaniif dirqisiisaa jiraachuus dabaluun himaniiru.

Leave a Reply