• Sun. Mar 15th, 2026

Caasaaleen murna PP Arsii Lixaa Aanaa Kofaleetti uummata irratti saamicha maqaa gibiraan geggeessuu fi hidhaa akkasumas reebichaan dararaa jiraachuun dhaga’ame

May 30, 2025

ONM-ABO Caamsaa 30, 2025 

Dararaa fi gidiraa bulchiinsa abbaa irree Bilxiginnaa malee, nagaa fi aara galfii argatee kan hin beekne sabni guddichi gaanfa Afrikaa ummanni Oromoo, ammas kan duraan olitti balaa sirnichaan miidhamaa kan jiru yoo ta’u, Arsii Lixaa aanaa Kofalee ganda Acaqatee jedhamtu keessatti jaleewwan sirnichaa Caamsaa 28, 2025 nama maqaan isaa Gashee Galchuu jedhamu, maqaa gibiraan qarshii inni kaffaluu hin dandeenye gaafachuun innis waan itti laatu gaafa dhabu loowwanii fi hoolota isaa jalaa ooffachuun isa ammoo reebicha jabaa irratti geggeessuun beekameera.

Adda durummaan gocha badiisaa kana uummata irratti geggeessaa kan jiran jaleewwan sirnichaa maqaan isaanii:

  1. Hiikoo Daalee,
  2. Irboo Galgaloo, 
  3. Gammachuu Kadiroo,
  4. Kadir Heebboo, 
  5. Tashukee Keettoo fi 
  6. Abbuu kanneen jedhaman 

oggaa ta’an, namoonni kunneen yeroo garaa garaatti ajaja dabaa murna PP irraa fudhachuun duguuggaa sanyii uummata irratti geggeessaa jiraachuu jiraattonni ONM’tti himan.

Gochoonni sarbamiinsa mirga namoomaa kun itti fufiinsaan guutuu Oromiyaa keessatti hawaasa irratti jabaatee kan jiru oggaa ta’u, murni badii kun rakkoo sabaatti furmaata gochuu irra saamtotaa fi goolessitoota ergamtoota isaa ilmaan Oromootti bobbaasuun duguuggaa sanyii geggeessaa jiruun cinaatti dinagdeen sabicha laamshessuuf qabeenya isaanii saamaa jiraachuun kan beekamuudha.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading