• Wed. Sep 23rd, 2026

Ergamtoonni murna PP Lixa Wallaggaa Aanaa Lataa Sibuu keessatti uummata hidhuu, saamuu fi manneen jalaa gubuun ifoome

May 31, 2025

ONM-ABO Caamsaa 31, 2025 

Sarbamiinsa mirga namoomaa lammiilee nagaa irratti jabeessuun qe’eetti itti duulanii uummata Oromoo nagaa fi jireenya isaa mancaasuun ba’aa fi gala dhorkanii gidiraa hamtuu agarsiisaa kan oolan, ergamtoonni murna Bilxiginnaa garaa isaanii guuttatanii buluu qofaaf uummata mankaraarsaan Caamsaa 29, 2025 aanaa Lataa Sibuu ganda Giddaa Daallee keessatti uummata harka qalleessa dararaa turuu maddeen ONM’f ifoomsanii jiru.

Jaleewwan sirnichaa maqaa adda addaa moggaafachuun uummata goolaa oolan milishootni, poolisootni fi kaabinoonni PP gandicha keessatti bobba’uun nama maqaan isaa Obbo Shifarraa Qannoo jedhamu jalaa mana jireenyaa isaa qabeenya guutuu waliin gubanii akka barbadeessanii fi uummata dirqiin waltajjii baasuun reebicha qaama laalessu irratti raawwachuun qabanii akka deeman odeessi jiraattota onichaa irraa nu dhaqqabe ni addeessa.

Impaayera Itiyoophiyaa cubbamtuu fi lubbuu ilmaan Oromoo obbaasaa har’a geesse keessatti mootummoonni abbaa irree wal jijjiiruun impaayerattii bulchaa dhufan sirna nama nyaataa hundeessuun fedhii uummatichaa malee afaan qawween saba Oromoo cabsaa kan dhufan oggaa ta’u, dabaree isaas diina ilmaan Oromoo faana sabicha duguugaa kan turee fi guddisa ilmaan isaanii kan ta’e koloneel Abiy Ahmed, bulchiinsa sirna moofaa abboota isaa dhaaluun kan kanaan duraan olitti gara jabina daangaa darbeen duguuggaa sanyii ilmaan Oromoo irratti geggeessaa jiraachuun kan mul’atuudha.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading