• Wed. Sep 23rd, 2026

Godina Lixa Harargee Aanaa Mi’eessootti barattoonni kaffaltii maalummaan isaa hin beekamne gaafatamuun dararamaa jiraachuu dubbatu 

May 31, 2025

ONM-ABO Caamsaa 31, 2025 

Godina Lixa Harargee aanaa Mi’eessoo magaalaa Asaboot keessatti kaadiroonni Bilxiginnaa fi barsiisonni mana barumsaa sadarkaa 2’ffaa magaalichaa waliin ta’uun uummata aanichaa irratti saamichaa fi dararaan isaan raawwachaa turan isaanitti xiqqaannaan, yeroo ammaa kana ammoo rakkoo baajetaatu nu mudatee jira jechuun barattoota mana barumsichaa cufa irraa qarshii 300 dirqamaan fuuchaa jiraachuu maddeen Araata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru.

Akka maddeen magaalichaa yaada isaanii ONM’f eeranitti itti gaafatamaa mana barumsaa magaalattii kan ta’e Obbo Addisuu Morkataa fi itti aanaan Kantiibaa magaalichaa waliin ta’uun barattooni hundi qarshi 300 kaffaluu qabdu namni maallaqa jedhame fidee hin kaffalle immoo miseensa barataa mana barumsaa keenyaa akka hin taanee fi dhufee barachuus hin danda’u jechuun barattoota ofiifuu ulaagaa barataa tokko irraa eegamu guuttachuuf harka maatii isaanii irraa eeggatan irratti dhiibaa ulfaataa raawwachaa jiraachuun ibsameera.

Akka yaadaa fi gaaffiin uummataa gamasii arganne ibsutti jalqaba baatii Fulbaanaa irrattis gatii galmeef qarshii 400-500 gaafatamnee kaffalaa turre, haaluma kanaan maatii tokko keessa barataa 3 -5’tu jiraachuu danda’a kana hunda irratti qarshii 300 kaffaluun nutti ulfaatee jira jechuun komii qabnu ifaa ifatti yoo dhiheeffannu akka nama yaadaa fi ilaalcha paartii siyaasaa biroo qabutti ija hamaan ilaalamnee gara siyaasa birootti yakkamuun doorsifamaa jirra jechuun dubbataniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading