ONM-ABO Caamsaa 31, 2025
Arsii Bahaa aanaa Martii ganda Dambaqaa Iftuu jedhamu keessatti Caamsaa 29, 2025 finxaaleeyyiin Amaaraa fi waraanni koloneel Abiy Ahimed wal-ta’uun qe’ee ilmaan Oromoo weeraruun hawaasa nagaa hedduu irratti sarbamiinsa mirga namoomaa raawwachuun ibsameera.
Haaluma kanaan, jiraataa gandichaa kan ta’e dargaggoo maqaan isaa Sulxaan Hasanoo jedhamu gara jabina hamaadhaan hidhii isaa meeshaa qara qabuun qalanii miidhaa ulfaataa yoo irraan gahan, dargaggoo Ammad Adamiin ammoo haaluma wal fakkaatuun Ija keessa tumachuun qaroo isaa jaamsanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Kana malees, gandichuma keessaa maanguddoo ganna 70 olii nama maqaan isaa Sheek Bashir jedhamu ammoo mana isaa cabsanii seenuun qabeenya mana keessa jiru kaan guurrachuun kaan ammoo caccabsanii mancaasuun, maanguddoo kanas reebicha ulfaataa irratti raawwachuun harka isaa cabsanii deemuu maddeen gabaasan.

