• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Kaaba Shaggar Aanaa Kuyyuutti ergamtoonni Blxiginnaa loon jiraattotaa 50 ol offachuun dhaga’ame 

Jun 1, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 1, 2025 

Gareen saamanii impaayerattii utubuu fi of jiraachisuu qofaaf hawaasa Oromootti ba’aa ulfaataa ta’uun dinagdee hawaasichaa quucarsan godina Kaaba Shaggar aanaa Kuyyuu ganda Darrootti torban kana keessa loon qonnaan bultootaa baayinaan 50 ol ta’u ooffatanii jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Tiksitoonni impaayerattii kunneen bara dhufaa fi darbaan jiraachuu uummata Oromoo kan hin feene bakka hawaasni loon isaanii bobbaafatanii jiranitti maqaa sakattaa WBO jedhuun uummata keessa deemanii loon hawaasaa bakka dheedicha isaaniitii ooffachuun jiraattota saamuu fi waraana bilisummaa Oromoo deggertu jechuun reebicha ulfaataas irratti geggeessanii nagaa uummatichaa booreessaa akka turan ONM odeeffatee jira.

Akka jiraattonni naannichaa ONM dubbise ibsanitti namoonni osoo daangaa seeraa tokkollee hin tarkaanfatin yakki saamichaa jumlaan irratti geggeeffame kunneen badii raawwatan qabaataniif osoo hin taane sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkanii maqaa WBO deggertu jedhu sababeeffachuun qabeenya isaanii jalaa saamuun beekameera.

Leave a Reply