• Fri. Nov 20th, 2026

Lixa Wallaggaa Aanaa Boojjii Coqorsaatti hidhaan waraana garboomfataa PP’n jabaatee itti fufee jiraachuun himame 

Jun 1, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 1, 2025 

Goolessitoonni waraana Abiy Ahimed dararaa uummataa irratti xiyyeeffachuun qe’ee ilmaan Oromootti duuluun xiqqaa fi guddaa hiraarsaa oolan gocha badii isaanii jiraattota nagaa irratti jabeessuun Caamsaa 30, 2025 aanaa Boojjii Coqorsaa ganda Tulluu Gurrachaa keessaa namoota nagaa 6 qabuun gara waajjira poolisii onichaatti geessuun hidhuun ibsameera.

Namoonni waraana murna PP’n qabamuun hidhamanii hiraarfamaa jiran kunneenis maqaan isaanii:

  1. Waaqgaarii Tarrafaa, 
  2. Gammachiis Solomoon, 
  3. Ijjigaayyoo Waaqjiraa,
  4. Dammituu Waaqjiraa, 
  5. Alamnash Fayyisaa fi
  6. Kuluulee Faqqadaa 

kan jedhaman ta’uu odeessi jiraattota onichaa irraa Arraata Biyyoolessa Oromiyaa qaqqabe ni addeessa.

Akka jiraattonni jedhanitti namoonni kunneen tuttuqaa siyaasa qaama kamiiyyuu kan hin qabnee fi maatii qonnaan bultootaa jireenya isaanii geggeeffachuu qofaaf carraaqan ta’uu himuun, jaleewwan sirnichaa kunneen ammoo hanga gabaasni kun nu qaqqabettiyyuu qe’ee uummataa keessa jooruun dararaa garaa garaa raawwachaa jiraachuu dabaluun ifoomsanii jiru.

Leave a Reply