ONM-ABO Waxabajjii 1, 2025
Miseensonni waraana impaayerattii fedhaanis ta’u dirqamaan waraanummaa leenji’uun impaayera Itiyoophiyaa tiksaa jiran gocha badii sirna Bilxiginnaa kana jibbuun goleewwan Oromiyaa cufa keessaa guyyaa guyyaan meeshaa fi hidhannoo isaanii qabachuun gooticha waraana bilisummaa Oromootti harka kennachuu, meeshaa lafa kaa’anii akkasumas, gurguratanii baduu itti fufanii jiru.
Haaluma kanaanis, Baha Wallaggaa aanaa Jimmaa Arjoo mooraa waraana Bilxiginnaa warshaa sukkaaraa keessatti argamu irraa Caamsaa 27, 2025 miseensi poolisii federaalaa tokko qawwee AKM 1 qabachuun WBO’tti harka kennatee jiraachuu ajajaan WBO onichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himee jira.
Miseensi poolisii federaalaa duraanii WBO’tti harka kennate kunis armaan dura dirqamaan qabamee guyyoota muraasa leenji’uun kan bobbaafame yoo ta’u, innis lola isa hin ilaallannetti lubbuu dhabuu fi hawaasa isaa miidhuun akka hin barbaachisne hubachuun gara qabsoo bilisummaa Oromootti makamuu dubbata.

