• Mon. Mar 16th, 2026

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Sulula Finca’aatti jiraataan tokko “milishummaa hin leenji’u” jechuun tarkaanfii ajjeechaa of irratti raawwachuun dhaga’ame

Jun 2, 2025

ONM-ABO Waxabajji 2, 2025 

Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Sulula Finca’aa ganda Hawwii Guddinaa keessaa Caamsaa 28, 2025 namni maqaan isaa Lachiisaa Tashoomee jedhamu ergamtoonni sirnichaa “milishummaa leenjita” jechuun mana isaa dhaqanii dirqamaan mallatteessisisanii deemnaan, “qoodan milishaa ta’u du’a naaf wayya” jechuun sarara elekirikii tuqee lubbuun isaa dabartee jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Yeroo ammaa kanas, hawaasni gandichaa gocha dabaa murni Bilxiginnaa isaan irratti dalagaa jiru kana balfuun qe’ee fi qabeenya dhiisanii guutummaan bosonaa fi bakka firootni isaanii jiran magaalota birootti baqachaa jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Bilxiginnaan impaayera Itiyoophiyaa lubbuun keessaa ba’uuf wargamaa jirtu dandamachiisuuf jecha kutaalee impaayerattii cufa keessaa saboota kan biroo irraa addatti ilmaan Oromoo adamsuun gara leenjii waraanaatti guuruu, ajjeesuu fi ukkaamsuun achi buutee dhabamsiisaa jiraachuun ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading