• Fri. Mar 20th, 2026

Kaaba Shaggar Aanaa Kuyyuutti goolessitoonni murna PP uummata jumlaan hidhuu fi horii isaanii irratti saamicha geggeessuun dhaga’ame

Jun 2, 2025

ONM-ABO Waxabajji 2, 2025 

Uummata nagaan mana isaa jiraatu balleessaa malee dararuu kan adeeffate murni Bilxiginnaa, faashistoota waraana isaa hawaasatti bobbaasuun aanaa Kuyyuu ganda Darroo Daannisaa bakka addaa Haarogee jedhamtu keessaa Caamsaa 26, 2025 uummata jumlaan ukkaamsanii hidhuu fi horii uummataa hedduu saamanii deemuu maddeen ifoomsan.

Balleessaa malee qe’ee isaanii irraa qabamuun hiriirfamaa kan jiran kunneenis maqaan isaanii:

  1. Fiqiruu Tashoomaa, 
  2. Obbo Baayyisaa Mootummaa,
  3. Dirriboo Shallamaa, 
  4. Obbo Abboomaa Firee, 
  5. Aadde Gazzee Magarsaa, 
  6. Daa’ima ganna 12 Shamarree Ciinchoo Shifarraa,
  7. Obbo Bojaa Tulluu fi 

kanneen maqaan nu hin qaqqabin namoota 25 dabalatee gidirfamaa kan jiranii fi uummata kanas mooraa mana Barumsaa Darroo Daanniisaa keessatti walitti qabanii jiraachuu maddeen dabaluun ifoomsanii jiru.

Akkasumas, saamtonni kunneen gandicha keessa guyyaa 5 ol naanna’uun loon 53 fi re’oota 60 uummata jalaa saamuun kan fudhatan oggaa ta’u, akka onichaatti dararaan jaleewwan Bilxiginnaan hawaasicha irratti geggeeffamaa jiru yaaddoo jireenyaa hamaa keessa galchee jiraachuu jiraattonni ONM’tti himanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading