ONM-ABO Waxabajjii 2, 2025
Dhiibbaa abbootiin amantaa hawaasa keessatti qaban yaada uummataa to’achuu fi daandii sirrii qajeelchuun waan haqaaf dhaabbachuufaa ta’us, murni Bilxiginnaa seera qabeessummaa argachuu fi aangoo isaa akka tiksaniif abbootii amantaa gariin miindeessuun hololaaf kan bobbaafatu, kaan ammoo da’oo uummataa taatan jechuun hidhuu, saamuu fi ajjeesuu irratti raawwata.
Bifuma kanaan kan walqabatu godina Lixa Shaggar aanaa Dirree Hincinnii ganda Buyyamaa Roggee irraa Abbaa Gadaa yookiin Ayyaanduraa maqaan isaa Abbaa Jifaar jedhamu baatii 1 dura waraanni maafiyaan PP bakka mana isaatii ykn Galma Kadhannaa uummanni keessatti tajaajilamu keessaa maqaa ilmi kee miseensa Waraana Bilisummaa Oromooti jedhuun ukkaamsuun hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuun ibsame.
Abbaan Gadaa kunis guyyoottaniif bakka buuteen isaa dhabamsiifamee kan ture oggaa ta’u, yeroo ammaa ammoo waajjira poolisii aanaa Dirree Hincinniitti hidhamee dararamaa jiraachuun dabalataan ibsameera.
Koloneel Abiy Ahimed, abbootii amantaa hidhuu, ajjeesuu fi qabeenya saamuu kan raawwatu yoo ta’u, yeroo irraa gara yerootti miidhaa qaqqabsiisuun qe’ee saba bal’aa golgoleessaa jira.
Bara 2021 keessas abbootii Gadaa Karrayyuu jumlaan ajjeesanii waakkatanii turuun ni yaadatama.


