• Wed. Nov 25th, 2026

Arsii Bahaa Aanaalee garaa garaatti murni Bilxiginnaa uummata nagaa irratti manneen gubuu fi hidhuu cimsanii itti fufanii jiru

Jun 3, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 3, 2025 

Arsii Bahaa aanaa Martii ganda Shaamoo Gaaddoo jedhamu keessatti Caamsaa 29, 2025 maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabdu jedhu itti maxxansuun uummata jumlaan mana hidhaatti erga guuranii booda reebicha ulfaataa irratti raawwachaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Gandichatti namoota jumlaan ukkaamfamuun hidhamanii dararamaa jiran keessaa muraasni maqaa arganne:

  1. Bashir Burrushaa, 
  2. Sulxaan Hasan,
  3. Musxafaa Abdii, 
  4. Ibraahim Qaasim,
  5. Muhaammad Haajii,
  6. Jundii Tukii,
  7. Kadir Sa’idii fi
  8. Aliyyii Galatoo kanneen jedhaman ta’uun ibsameera.

Haaluma wal fakkaatuun aanaa Xannaa ganda Karrayyuu jedhamu keessattis Caamsaa 29, 2025 sirni nama nyaataan Bilxiginnaan shiftoota isaa kumaatamaan qe’ee uummata Oromootti bobbaasuun gaaffii tokko malee manneen qotee bultootaa meeshaalee mana keessaa guutuu waliin gubaa oolaniiru. 

Namoota manneen jalaa gubate keessaa muraasni maqaan nu ga’e:

  1. Ibraahim Kadir,
  2. Duurii Jaarsuu, 
  3. Huseen Jaarsuu,
  4. Jamaaloo Jaarsuu,
  5. Huseen Qaasoo,
  6. Dureessaa Qaasoo, 
  7. Shaambal Haji Kadir, 
  8. Hasan Amaan,
  9.  Huseen Amaan,
  10.  Jamaal Amaan, 
  11.  Saadiq Adaam,
  12.  Haaji Jamaaloo Kurruu,
  13. Umar Haji Amaan,
  14. Kaamiloo Adam,
  15. Amaan Abdallaa,
  16. Taajuu Abaadir,
  17. Ashraafil Bayaan 
  18. Ruuzaa Jundii fi 
  19. Umar Abdulqaadir 

kanneen jedhaman yoo ta’an, ergamtootni Bilxiginnaa namoota kanneen badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun mana irratti gubanii qe’ee isaanii barbadeessuun addeeffamee jira.

Leave a Reply