ONM-ABO Waxabajjii 3, 2025
Lafaa fi lafee ilmaan Oromoo alagaa dhaalchisee uummata Oromoo buqqisee dhabamsiisuuf keessaa fi daangaa Oromiyaa irraan duguuggaa sanyii geggeessaa kan jiru murni Bilxiginnaa aanaa Mi’eessoo karaa daangaa Somaaleetiin hidhattoonni Somaalee murna PP waliin wal ta’uun uummata Oromoo daangaa irraa buqqisee lafa isaanii saamuuf rakkoolee addaa addaa qaqqabsiisaa jiraachuun barame.
Haaluma kanaan hidhattoonni naannoo Soomaalee meeshaa waraanaa gurguddaa hidhachuun qonnaan bultoota Oromoo naannoo daangichaa karaa aanaa Mi’eessoo gandoota akka:
- Qiqqiliftuu,
- Soddomaa,
- Kurfaa Saawwaa,
- Korsaa,
- Wal taanee,
- Gulubee,
- Bareedaa fi
- Buurii
keessatti tuttuqaa addaa addaa uummata irratti raawwachuu fi lola hawaasa nagaa irratti banuuf dhaadachaa jiraachuu maddeen dubbatan.
Kana malees aanaa Baddannoo ganda Gooroo Wadoo keessatti shiftoonni murna PP namoota harka qalleeyyii homaayyuu of harkaa hin qabne Inshuraansii kaffaluu diddan jechuun hidhaa kan jiran oggaa ta’u, isaan keessaa muraasni maqaa arganne:
- Naasir Amad Umar,
- Annuwaar Muummee Abiroo,
- Kimmiyaa Mu’aaz Hasan,
- Faaxumaa Mikaa’elii fi
kanneen biroo hedduun hidhamuun gidirfamaa jiraachuun ibsame.























