ONM-ABO Waxabajji 3, 2025
Murni garboomfataan impaayerattii jaleewwan isaa cufatti dhimma ba’uun maqaa “koridarii fi misooma magaalaa” jedhuun hawaasa Oromoo jalaa manneen diiguun rakkoo dinagdee ulfaataa qaqqabsiisaa jira.
Ergamtoonni Bilxiginnaa ajaja qaama isaanii olii guutanii gammachiisuuf jecha waanuma isaanitti fakkaate hojjechaa kan oolan yoo ta’u, aanaa Siraaroo magaalaa Lokkee 01 irraa maqaa “daandii baasna” jedhuun ergamtoonni Bilxiginnaa namoota maqaan isaanii:
- Shaashaa Ogaatoo,
- Tulluu Badhaasoo,
- Lolaasoo Bahaaloo,
- Badhaasoo Booramaa,
- Jamaal Duubee,
- Obsaa Quufaa,
- Edaasoo Waaqayyoo,
- Diimaa Bariisoo,
- Waarisoo Mahaammad,
- Huseen Uka’ee,
- Umar Sheek Mahaammadii fi
kanneen biroo hedduu ta’aniin “nama guyyaa 5’tti manasaa diigee hin kaafne qarshii 2,000 adabna” jedhanii dararaa jiraachuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himanii jiru.
Hawaasa ofiifuu waan nyaatee bulu dhabee rakkatu “mana kee buqqisii achi butii ijaari; ykn diigii balleessi” jechuun dhiittaa mirga namoomaa ulfaataa ta’uu kan himan jiraattonni magaalichaa, yeroo gara yerootti mana jiraattota kanneeniitti deddeebi’uun namoota hedduu jalaa gaaffii tokko malee mana diiguu fi kanneen diiguu didan immoo hidhaa fi reebichaan dararaa jiraachuu jiraattonni magaalichaa itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Impaayerattii guutummaa keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa maqaa “koridarii fi misooma magaalaa” jedhu da’oo godhachuun manaa fi mooraa jiraattotaa diiganii balleessuu fi maallaqa kaffalchiisuun rakkoo dinagdee ulfaataa qaqqabsiisaa jiraachuun baramee jira.

