• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Lixa Harargee Aanaa Shanan Dhuuggootti waraanni goolessaan PP hawaasa humnaan qabanii lafa milishaa qochisiisuu fi hawaasa dararaa jiraachuun ifoome

Jun 3, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 3, 2025 

Godina Lixa Harargee aanaa Shanan Dhuuggoo araddaa Haqaan Jiraataatti ergamtoonni Bilxiginnaa faayidaa dhuunfaa isaanii qofaaf iddoo kennan hawaasa hunda dirqamsiisanii afaan qawween lafa milishaa humnaan qochisiisaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Kana malees, guyyaa dheengaddaa galgala keessaa naannoo sa’atii 3:00’tti lukkeeleen sirnichaa dararaa hawaasa irratti raawwatan hammeessuun namoota maqaan isaanii:

  1. Ahimad Yusuuf,
  2. Abdooshaa Ahimad Yusuuf,
  3. Adam Imaamii fi
  4. Abraahim Yuuyyee 

jedhaman ukkaamsuun araddaa sana keessa gandarra of dura buusanii “mana namootaa nu agarsiisaa” jechuun gaaffii isaan keessaa hin qabne hunda gaafachuun reebichaan garmalee dararaa turuu jiraattonni araddichaa itti dabaluun ONM’f ibsanii jiru.

Akkuma guutummaa aanichaatti rakkooleen akkasii wayita gannaa irra deddeebiin mul’ataa kan ture yoo ta’u, ammallee bifa haarawaan ergamtoonni sirnichaa dirqamaan hawaasa baasanii lafa isaanii qochisiifachaa jiraachuun dabalataan ibsameera.

Leave a Reply