ONM-ABO Waxabajjii 3, 2025
Haleellaan Yukireeniin buufata xiyyaaraa Raashiyaa hedduu irratti raawwatame akka agarsiisutti, Kyiv ofirraa ittisuudhaan milkaa’uu ishee muummittiin ministeeraa Deenmaark Meete Firederiksen Wiixata kaleessaa dubbataniiru.
“Yukireen ofirraa ittisuuf mirga qabdi jechuun Firederiksen haleellaa Yukireen irratti yaada kennaniin dubbatan.
Tajaajilli basaasaa biyya keessaa Yukireen, SBU, haleellaa maqaa koodii “Operation Spider’s Web” jedhamuun waggaa tokkoo fi walakkaa oliif karoorfame kana akka raawwate beeksiseera.
Walgahii hoggantoota Noordii, Baaltik fi Bahaa magaalaa guddoo Lituwaaniyaatti geggeeffameen Firederiksen Wiixata kaleessaa irrattis Awurooppaa deebisanii hidhachiisuu irratti xiyyeeffachuun murteessaa ta’uu ibseera.
“Raashiyaan hunda keenyaaf balaa waan taateef cinaacha keenya Bahaa cimsuu qabna… ammas dhukaasa dhaabuu dhiibuu qabna garuu yeroo wal fakkaatutti dirree waraanaa Yukireen keessatti waan barbaachisu hojjechuu qabna akka isaan dhugumatti waraana kana mo’ataniif,” jette jechuun Rooyiters gabaaseera.

