ONM-ABO Waxabajjii 3, 2025
Dheengadda Waxabajjii 1, 2025 aanaa Harxummaa Fursee Golboo Arbaa ganda Asiifaa irraa maatii qabsaa’otaa obboloota lamaa fi jaarsolii biyyaa kan ta’an:
- Obbo Mahammad Zeen Awwaluu nama jedhamu reebicha ulfaataa irratti raawwataniin harka isaa tokko guutummaatti yoo cabsan,
- Obbo Ahimed Awwaluu ammoo reebicha hamaa irraan ga’aniin du’aa fi jireenya gidduutti kan argaman ta’uun ifoomeera.
Oduu hidhaatiin ammoo Caamsaa 30, 2025 ergamtootni murna Bilxiginnaa hawwanii fi daa’imman danuu hidhaatti kan darbatan yoo ta’u, isaan keessaa muraasni maqaan nu ga’e:
- Haadha ilmaan 12 Aadde Haliimaa Ibraahim ilmaan ishee 3 daa’ima ganna 1 dabalatee
- Bushuraa Umar fi
- Huseen Umar waliin,
- Haadha ilmaan 6 kan taate Aadde Haliimaa Adam daa’ima ganna tokkoo waliin,
- jaarsa umriin 70 olii Obbo Ahmed Alaadii jedhamu ilmaan isaa lama
- Aanshaa Ahimed Alaadii fi
- Faanosee Ahimed Alaadii,
- Haadha warraa ilma isaa kan daa’ima baatii 2 of harkaa qabdu
- Kadijjaa Sayid jedhamtuu waliin yoo hidhan,
Ganda Madiinee irraa ammoo:
- Obbo Yesuuf Zeenuu jaarsa ganna 75 olii dabalatee
namoota maqaan isaanii hin eeramin hedduu waliin magaalaa Qiciicootti hidhanii hiraarsaa jiru.
Namoonni kunneen yakka hojjetan qabaatanii osoo hin taane maqaa maatii qabsaa’otaati jedhuun ergamtoota Abiy Ahimediin adamfamanii miidhaa jabaan irra ga’aa jiraachuu fi namni adda durummaan gochaa badii kana maatii qabsaa’otaa irratti raawwachaa jiran bulchaa ganda Golboo Arbaa:
- Obbo Yaasin Adee, obboleessa isaa
- Aliyyii Sulxaan Adee fi firuma isaa kan ta’e
- Huseen Ahimed Muusee
Kan jedhaman ta’uu ibsuun, gandichatti tibbana ajjeechaa, hidhaa, reebicha raawwachuun abbootiin warraa 20 ol buqqifamuun ibsameera.

