ONM-ABO Waxabajjii 6, 2025
Murni hidhuu fi ajjeesuu malee lammiileef furmaata waaraa kaa’uu hin feene Bilxiginnaan, bulchiinsa magaalaa Shaggar Siitii aanaa Aqaaqii ganda Dheeraa fi Idooroo jedhamu keessatti Waxabajjii 2, 2025 maqaa WBO nyaachiftuu fi deggertu” jedhu da’eeffachuun uummata nagaan jireenya isaa gaggeeffatu mana hidhaatti darbatee dararaa jiraachuu maddeen aanichaa Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himanii jiru.
Namoota haala kanaan qabamanii hidhamuun hiraarfamaa jiran keessaa kanneen maqaan isaanii nu qaqqabe:
- Abbaa maatii kan ta’an Obbo Taliilaa Lammaa,
- Ilma isaanii Dabalee Taliilaa fi
kanneen biroo maqaan isaanii nu hin qaqqabne hedduu ta’uu maddeen dabaluun himaniiru.
Kana malees aanicha keessatti kanaan duras maqaa “piroojektii dirree xiyyaaraa” jedhuun namoonni hedduun lafa isaanii irraa buqqifamanii daandii gubbaatti gatamuun dararamaa jiraachuun ibsameera.



