• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Lixa Shaggar Aanaa Meettaa Roobiitti jaleewwan Bilxiginnaa hawaasa cuubeen waraanuun, reebichaa fi hidhaas irratti raawwachuun himame

Jun 6, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 6, 2025 

Aanaa Meettaa Roobii ganda Warqee Waleensuu magaalaa Jimaataa jedhamu irraa tiksitoonni impaayerattii Waxabajjii 3, 2025 namoota maqaan isaanii:

  1. Obbo Beeksisaa Gadaa, 
  2. Ilma isaa Gaaddisaa Beeksisaa fi
  3. Danuu Butaa 

kanneen jedhaman cuubeen dugda irra waraanuun miidhaa ulfaataa irraan ga’uun ibsameera.

Kana malees lukkeeleen sirnichaa qonnaan bultoota maqaan isaanii:

  1. Obbo Danuu Dajanee fi 
  2. Obbo Birraa Tuujjoo 

jedhaman badii tokko malee maqaa “deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti” jedhuun reebanii miidhaa jabaa irraan ga’anii jiraachuun himameera.

Dabalataanis Waxabajjii 4, 2025 ganduma Warqee Waleensuu jedhamu irraa namoota maqaan isaanii:

  1. Obbo Gaaddisaa Abarraa fi 
  2. Obbo Guutaa Warqinaa 

jedhaman reebicha hamaa irratti raawwachuun hidhaatti darbachuu fi akkuma aanichaatti dararaan loltoonni impaayerattii hawaasa irraan gahaa jiran kan duraa irra daran hammaachuus dubbatu.

Leave a Reply