• Thu. Nov 26th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Guutoo Giddaatti ergamtoonni Bilxiginnaa “waajjira gandaa eebbisiisna” jechuun jiraattota irratti saamicha raawwachaa jiraachuun dhaga’ame 

Jun 6, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 6, 2025 

Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaa ganda Madda Jaalalaatti Waxabajjii 4, 2025 ergamtoonni koloneel Abiy Ahimed kanneen uummata Oromoo hiraarsuu hojii idilee taasifatan “waajjira gandaa haaraa ijaarame ittiin eebbisiisna” jechuun hawaasa irraa qarshii 500 tokko tokkoo isaanii irraa dirqamaan guuraa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Waajjirri gandaa haaraan ijaaramee sirna eebbaaf qaqqabe kun baajeta mootummaan ramadeen osoo hin taane uummatuma irraa afaan qawween saamanii kan ijaaran yoo ta’u, gandicha keessaas bakka addaa 6’ffaa jedhamutti kan ijaarame ta’uus dubbatu.

Bilxiginnaan ilmaan Oromoo dinagdeen dadhabsiisuu oggaa barbaadu, kaffaltii gosa garaa garaa nagahee hin qabne itti tarreessuun saamicha ulfaataa irra deddeebiidhaan irratti raawwachaa kan jiru ta’uun ni beekama.

Leave a Reply