• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Baha Harargee Aanaa Baddannootti ergamtoonni PP jiraattota irratti hidhaa jabeessuun ibsame

Jun 6, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 6, 2025 

Ergamtoonni Bilxiginnaa dinagdee isaanii guutummaa guutuutti burkutaa’e dandamachiisuuf qonnaan bultoota Oromoo baadiyyaa jiranitti fayyadamanii galii irraa walitti qabuun gar-tokkee harka mootummaa impaayerattiitti galii gochuun kaan ammoo faayidaa dhuunfaa isaanii irra waan oolfataniif jiraattota kaffaluu dadhaban dararaa jiru. Gareen baajeta impaayerattii tiriiliyoona lama goona jechuun dubbatu gibira humnaan olii fi kaffaltii gosa garaa garaa hawaasatti buusuun kaffaluu diddaniin rakkisaa jira.

Waxabajjii 2, 2025 aanaa Baddannoo ganda Gooroo Wadoo jedhamu irraa tiksitoonni faayidaa dhuunfaa isaanii qofaaf socho’an kunneen “gatii inshuraansii fayyaa kaffaluu didda” jechuun kanneen harka qalleeyyii ta’an namoota maqaan isaanii:

  1. Obbo Naasir Ahimad Umar,
  2. Obbo Anuwaar Muummee Abroo,
  3. Aadde Kiimiyaa Mu’aas Hasanii fi 

kanneen biroo hedduu ukkaamsuun hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan. 

Namoota kaffaltii gosa adda addaa waliin isaa hin beekamnee fi nagahee tokko hin qabne gaafatamanii kaffaluu dadhaban garmalee reebuu fi ukkaamsuun hidhaatti darbatanii qarshii gaafatamtan kaffaluu yoo diddan as keessaa hin baatan jechuun doorsisaa jiru.

Leave a Reply