ONM-ABO Waxabajjii 6, 2025
Barreessaan olaanaa NATO Mark Ruutee Kamisa kaleessaa balaa addunyaa dabalaa dhufeen walta’iinsa hiriyummaa cimsuuf walgahii Heeg irratti GDP biyyaa irraa %5 ittisaaf akka ta’u yaada dhiyeessuuf akka ta’e ibsan.
Walgahii Ministiroota Ittisaa NATO Biraaselsitti taa’ame hordofuun ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin kan dubbatan Ruuteen, kaayyoon yaadame kun baasii ittisaa ijoo %3.5 fi invastimantii ittisa waliin walqabatee kan akka bu’uuraalee misoomaa fi dandeettii industirii %1.5 kan dabalatudha.
“Xiyyeeffannoo dandeettii haaraa hawwataa ta’e irratti walii galle. Kunis baay’ee barbaachisaa dha, xiyyeeffannoon kun michoonni waggoota dhufan keessatti dandeettii akkamii irratti invast gochuu akka qaban sirriitti ibsu,” jechuun murtee kana ”seenaa” jechuun dubbatan.
Galiin haaraan kun US dabalatee michoota hunda irratti akka hojjetu kan mirkaneesse yoo ta’u, walgahiin kun kan Waxabajjii 24-25tti gaggeeffamu dura waliigaltee dhumaa irra akka ga’u amantaa qabaachuu isaanii ibsaniiru.
“Deeggarsi bal’aan jira,” jechuun labsiin walgahii kanaa baasii, oomisha industirii ittisaa, fi deggarsa Yukireen irratti xiyyeeffata jedhamee eegama jedhan.

