• Thu. Nov 26th, 2026

Godina Lixa Harargee Aanaa Shanan Dhuuggootti hidhaa fi saamichi ergamtoota Bilxiginnaan jiraattota irratti hammaachuun himame

Jun 6, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 6, 2025 

Lixa Harargee aanaa Shanan Dhuuggoo araddaa Haqaan Jiraataa keessatti loltoonni fi ergamtoonni murna PP Waxabajjii 2, 2025 nama maqaan isaa Ahimed Yusuuf jedhamu badii tokko malee hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti Ahimediin erga hidhaatti darbatanii booda guyyaadhuma sana toora galgalaa bulchaa araddichaa kan ta’e namni maqaan isaa Umar Nuuree jedhamuu fi jaleewwan isaa gara mana maatii Ahimed deebi’anii deemuun doorsisanii horii tokko jalaa offatanii deemuun beekameera.

Bilxiginnaan uummata Oromoo irratti gocha ukkaamsanii hidhuu fi saamuu yeroo hunda raawwachaa kan jiru yoo ta’u, maqaa siyaasa dhaaba biroo keessatti qooda fudhachaa jirtu jedhuun loltoonni qe’ee uummataa keessa socho’aa jiranis daba adda addaa raawwachaa jiru.

Leave a Reply