ONM-ABO Waxabajjii 6, 2025
Murni afaaniin maqaa misoomaa dhaadhessaa kutaalee Oromiyaa iddoo garaa garaatti qonnaan bultoota, daldaltoota jedhee osoo addaan hin baasin mana isaanii fi lafa isaanii irraa diigee harka duwwaatti hambisaa jiru aanaa Shaashamannee ganda Bulchaa jedhamu keessatti lafa qonnaan bultoota maqaan isaanii:
- Sulxaan Abdallaa Muusaa,
- Abbaa Abdallaa Huseen,
- Obbo Hirphoo Bariisoo fi ilmaan Obbo Hirphoo nama afur manaa fi lafa irraa buqqisuun ibsame.
Gocha dabaa kanas kan raawwate bulchaa magaalichaa Obbo Adaanee Waldagoorgis kan jedhamu yoo ta’u, jaleewwan Bilxiginnaa waliin ta’uun mana irratti akka ijaarratanis itti dabaluun himaniiru.
Akka jiraattonni jedhanitti yeroo qonnaan bultoonni kunneen himannaa irratti banan hojjettoonni mana murtii lafti kun kan qonnaan bultootaa ta’uu qaba jechuun seeraan kan raggaasisaniif ta’us, bulchiinsi aanichaa garuu abbootii lafaa mana hidhaatti guuree akka isaan dhimma sana hin himanne doorsisaa jiraachuun ibsameera.


