• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Matakkal Aanaa Bulan keessatti lukkeeleen Bilxiginnaa ilmaan Oromoo saamuu, ajjeessuu fi reebuu cimsanii itti fufan

Jun 6, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 6, 2025 

Godina Matakkal aanaa Bulan ganda Jaanii jedhamu keessaa torban lamaan darbe keessa tiksitoonni bututtuu impaayera Itiyoophiyaa nama maqaan isaa Obbo Asaffaa Darajjee jedhamu osoo inni maallaqa mana amantaa gara mana baankii magaalaa Gudaritti argamu geessaa jiruu badii tokko malee konkolaataa irraa buusanii bakka addaa Yaakusaaq jedhamu geessuun naasuu tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Kana malees, konkolaachisaa maqaan isaa Tamasgeen Sawaageny jedhamus yerooma wal fakkaataa Obbo Asaffaa waliin ukkaamsanii bakka inni itti ajjeefame erga geessanii booda reebicha ulfaataa qaama laalessu irratti raawwachuun achumatti dhiisanii deemuu maddeen itti dabaluun himaniiru.

Uummata Oromoo hiraarsuun gammachuu guddaa kan isaaniif laatu ergamtoonni Abiy Ahimed kutaalee impaayerattii cufa keessaa haala duraan barameen olitti sabboontota ilmaan Oromoo adamsuun hiraarsuu cimsanii itti fufaniiru

Leave a Reply