• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Lixa Shaggar Aanaa Meettaa Roobiitti jaleewwan Bilxiginnaa jiraattota hidhaatti darbachuu hammeessan

Jun 6, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 6, 2025 

Murni faashistii PP mormii sabaa ukkaamsuu fi namoota hidhuu irratti xiyyeefatee jiru, yeroo baay’ee dhaabbilee akka waraanaa ykn poolisiitti fayyadamuun fedhii isaanii hojiirra oolchuuf mormitoota siyaasaa, aktiivistoota, ykn nama sirna isaa qeeqan hiraarsuu irratti fuulleffatee hojjechuu irra darbee hawaasa nagaa tuttuqaa siyaasaa hin qabne badii tokko malee hidhee hiraarsaa jira.

Bifuma kanaanis Lixa Shaggar aanaa Meettaa Roobii ganda Warqee Waleensuutti Waxabajjii 2, 2025 shamarree maqaan ishee Iftuu Dabalaa jedhamtu ergamtoonni sirnichaa badii tokko malee mana maatii isheetii qabuun hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen ONM’tti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, shamarreen kun siyaasa kam irraa walaba ta’uu himuun, jaleewwan Bilxiginnaa ammoo maqaa hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda jedhu itti maxxansuun kan hidhan ta’uu ONM’f eeranii jiru.

Leave a Reply