• Tue. Jan 13th, 2026

Waraanni Sudaan Humni Deggersa Ariifataa RSF haleellaa dirooniitiin namoota nagaa 5 ajjeese jechuun himate 

Jun 7, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 7, 2025 

Waraanni Sudaan Humnoota Deggarsa Saffisaa (RSF) jedhamuun beekaman haleellaa diroonii magaalaa guddoo bulchiinsa Kaaba Kordoofaan El-Obeyid irratti raawwateen namoota nagaa shan ajjeesuun himate.

Ibsa Raayyaan Ittisaa Sudaan kenneen RSF gabaa Guddichaa, naannoo industirii fi dhaabbilee biroo irratti xiyyeeffachuun haleellaa geggeesseen namootni shan ajjeesuu fi namoota biroo irraan miidhaa geessisuu ibse. 

Taatee kana irratti RSF irraa yaadni hin kennamne.

Raayyaan Ittisaa gochi RSF “gocha yakkaa isaa itti fufiinsa qabuu fi seera namoomaa idil-addunyaa irratti qormaata ifatti mul’atuudha” jedheera.

RSF fi Raayyaan Ittisaa Ebla 2023 irraa eegalee lola gara jabinaa geggeessuun du’a kumaatamaan lakkaa’aman fiduu fi Sudaan rakkoolee namoomaa hamaa addunyaa keessaa tokkotti akka kuftu taasisaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading