• Fri. Jan 2nd, 2026

Godina Arsii Bahaa Aanaa Suudee fi Martiitti jaleewwan Bilxiginnaa maqaa heyyema daldalaa fi kaffaltii biroo jedhuun jiraattota irratti saamichaa fi dararaa hammeessan

Jun 8, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 8, 2025 

Kufaatii dinagdee hamaa impaayerattii mudate irraa ka’uun egeree teessoo siyaasaa isaaf sodaa guddaa keessa kan seene koloneel Abiy Ahimed, goleewwan Oromiyaa cufatti jaleewwan isaa kumaatamaan bobbaasuun uummata ofiifuu qaala’iinsa jireenyaan gidiraa hamtuu keessa jiru irratti sababoota garaa garaa wabeeffachuun saamicha daangaa darbe raawwachiisaa jira.

Kana malees Arsii Bahaa aanaa Martii magaalaa Darrabbaa ganda 01 keessatti saamtonni Bilxiginnaa hawaasa hojii daldalaa kanneen akka jimaa fi buna danfisanii gurguruun jireenya harkaa gara afaanii jiraataniin “heyyama daldalaa hin qabdan” jechuun qarshii 30,000 tokkoon tokkoon isaanii irraa saamaa jiraachuu fi daldaltoota qarshii gaafataman kana kaffaluu hin dandeenye ammoo manneen daldalaa irratti cufaa kan jiran ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Kana malees, magaalicha keessatti qabeenya garaa garaa hawaasni gabaa baafatee daldalatus maqaa kaffaaltii adda addaan saamicha ulfaataa raawwachaa kan jiran yoo ta’u, akka fakkeenyaattis lukkuu tokkotti qarshii 20 fudhachaa kan jiran ta’uu maddeen itti dabaluun eeranii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading