ONM-ABO Waxabajjii 8, 2025
Loltoonni Bilxiginnaa ajaja koloneel Abiy Ahimediin duguuggaa sanyii uummata Oromoo irratti raawwachuu cimsanii itti fufanii jiru.
Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa ganda Qarsaa Mojoo jedhamu irraa Waxabajjii 6, 2025 ergamtoonni sirna nama nyaataa PP abbaa ijoollee 2 kan ta’e nama maqaan isaa Obbo Ayyaanaa Lataa jedhamu badii seeraa tokko malee qabanii hiraarsaa erga turanii booda bakka addaa Mallayyaa jedhamutti geessuun rasaasa itti roobsanii ajjeesuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Obbo Ayyaanaan hojii dhuunfaa isaa hojjetee maatii isaa jireessuu malee tuttuqqaa siyaasa garee kamiiyyuu kan hin qabne yoo ta’u, lukkeeleen sirnichaa garuu maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo deggerta” jedhuun ajjeesanii ilmaan isaa jireenya gadaadoo harka namaa ilaaluuf saaxilanii jiraachuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.



