• Mon. Jan 12th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Gullisoo keessatti waraanni faashiistii PP maanguddoo tokko yoo ajjeesan, Aanaa Qilxuu Kaarraatti ammoo saamicha raawwatan

Jun 8, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 8, 2025 

Waraanni maafiyaan impaayerattii olaantummaa nam-tokkee eeguuf malee olaantummaa lammiilee kabachiisuuf kan hin dhaabbanne yoo ta’u, ilaalcha ajjeesuu jedhu qofatti amanuun ilmaan Oromoo irratti duula duguuggaa sanyii raawwachaa jiraachuun ni beekama.

Bifuma kanaanis Lixa Wallaggaa aanaa Gullisoo ganda Warra Jirruu keessatti Waxabajjii 6, 2025 maanguddoo ganna 74 kan ta’e nama maqaan isaa Obbo Abraahim Imaanaa jedhamu hidhattoonni Bilxiginnaa badii seeraa tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, maanguddoon kun siyaasa kam keessa kan hin jirre yoo ta’u, loltoonni sirnichaa kunneenis gara mana jireenyaa isaa deemuun maqaa “quunnamtii WBO qabda” jedhuun jaarsa dadhabaa ofiifuu teessuma irraa ka’uuf gargaarsa gaafatu lafa irra harkisanii hiraarsuun qe’ee inni ilmaan irratti hore keessatti rasaasa itti roobsuun ajjeesanii biraa kan deeman ta’uu eeranii jiru.

Oduu saamichaan wal qabatuun ammoo, godinuma kana aanaa Qilxuu Kaarraa ganda Igguu Bochii jedhamu keessatti shiftoonni koloneel Abiy Ahimed kunneen Waxabajjii 4, 2025 nama maqaan isaa:

  1. Obbo Imaanaa Malkaa jedhamu jalaa loon 8 yoo saaman, 
  2. Obbo Dassaaleny Goobanaa jalaa ammoo loon 11 saamanii 

deemuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading